EEBBA OROMOOTTAA GUJJII ,,MACCAA, KARRAYYUU,, ARSII,,,__//..

Eebba Gujii

Ee…… Ati Waaqi Ardaa
Waaqi Abbaa
Ka Me’ee Bokkoo
Ka Dibbee Dhugoo
Ka Garba Aannoo
Waaqi Gujii Gurraachaa ati nuu dhageyi
Dhageettu nuu Owwaadhu
Ta olii oliitti nu hanqisi
Ta gadii gaditti nu hanqisi
Ta dallaa lamaanii achumatti nu hanqisi
Barri nageya
Bariin nageya
Jaarsi nageya
Jaartiin negeya
Ilmi nageya
Intalti nageya
Ka fuudhu nageya
Ta heerumtu nageyaa
Uchumti nageya
Bobbaan nageya
Tissaa uleen nageyaa
Elemaa gaadin nageya
Ardaan yaa’aa nageya
Me’een Bokkoo nageya
Duddaa daawwaan nageya
Sabbaa Oddoon nageya
Gooroon Doolaa nageya
Gooroon Oromoo teennaa martinuu nageya
Handhurri Oromiyaa Finfinneen nageya.

Eebba Maccaa

Na oofkalchaa…………………..............................oofkalaa
Na oofkalchaa…………...……..........................….oofkalaa
Na oofkalchaa………...………...........................…oofkalaa
Waaq nagaan bullee nagaan nu oolchi ...............nu oolchi
Hamaan gargar nu oolchi ....................................nu oolchi
Irraa gora nu oolchi ..........................................…nu oolchi
Dogoggora nu oolchi............................................nu oolchi
Citiin sadii citii sadan nu oolchi............................nu oolchi
Citii waraanaa nu oolchi......................................nu oolchi
Citii waraansaa nu oolchi ...................................nu oolchi
Kan caamee goggogsu nu oolchi.......................nu oolchi
Kan roobee tortorsu nu oolchi............................nu oolchi
Walbira oolchii nu bulchi....................................nu bulchi
Waliigaltee nuu kenni……….............................nuu kenni.
Waliigalii nuu toli...............................................nuu toli
Sonii nuu roobi..................................................nuu roobi
Waan rooba keessa jibban nu baasi................nu baasi
Waan caama keessa jibban nu baasi..............nu baasi
Egaa nagaya...................................................nagaya
Barri quufa
Gadaan gabbina gabbisi Waaq!
Kan ati jette tolaadhaa tolaan nu haa ga’u .........haagahu
Bakkalchi bakkee haa ta’u ................................haa ta’u
Bakkeen nagaa haa ta’u ...................................haa ta’u
Qorroon dibdibbee haa ta’u ..............................haa ta’u
Dhiigni dhallaadduu haa ta’u.............................haa ta’u
Adamoon deettii haa ta’u ..................................haa ta’u
Duulli dannaba haa ta’u.....................................haa ta’u
Rimaan haphee haa ta’u ....................................haa ta’u
Kormi cirrii haa ta’u............................................haa ta’u
Dhugee haa booressu .....................................haa booressu
Dheedee haa barbadeessu..............................haa barbadeessu
Booruun gabbina haa ta’u................................haa ta’u
Barbadaan suga haa ta’u ................................haa ta’u
Dhugaan tulluu haa ta’u ..................................haa ta’u
Dharri sulula haa ta’u ......................................haa ta’u
Anaaf sihii hin maqsin .....................................hin maqsin
Kan ormi maqe nu hin gahin............................hin ga’in
Bakka hir’ate Waaqni itti haaguutu…………....haa guutu.
Egaa nagaya ..................................................nagaya
Haleele………............................................…..Diina haleeli!
Irreeffatee, dhibaafateet oofkala!.....................Irreeffatee, dhibaafateet oofkala!

Eebba KarrayyuuEdit

Miinya tahi!………………………..........ziz
Foduu tahi!………………………..........ziz
Alalaasi!…………………………….......ziz
Alaa gali!………………………….........ziz
Oli reebi!……………………………......ziz
Maatii raaphu!…………...………….....ziz
Gadi reebi!…………………………..…ziz
Karra raaphu!……………………….…ziz
Adaboon gooba!.………………….......ziz
Goobni geerarsa!……………………...ziz
Hurrubni Mirga!………..………….......ziz
Dirreen Dannaba!……...……………..ziz
Simoo ta’i! ………………………….....ziz
Sin simin!……………………………....ziz
Dandoo ta'i! ……………………..........ziz
Sin danda'in! ……….………………....ziz
Doobbii ta'i! …………………...……....ziz
Diina gubi !………………………….....ziz
Guchii ta'i !……………………….........ziz
Baalaan booni !….…….……………...ziz
Citaa ta'i! …………………………......ziz
Gurmuu baasi! ……………………….ziz
Daddaraari! ……………..……………ziz
Dilboo ta'i! ………..…………………..ziz
Babbaroodi .………………………….ziz
Cibraa dhoosi ……..…………………ziz
Gaara ta'i! ...................………………ziz
Itti jigi!……....................……………...ziz
Haladdaq ta'i.……..……………..……ziz
Bal'adhu!…………..…………………..ziz
Fantaallee ta'i!..……………………….ziz
Mul’adhu!......................………….......ziz
Qabadhu!...........................................qabadhu!

Ebba Arsii

Faatee waaqni dhagayi
Lafti sii dhagahi
Gadaan dhagayi
Gadaamoojjiin dhagayi
Dhibbi dhag
Dhibaayyuun dhagayi
Gadabitti nu galchi
Gadaa nu hulluussisi
Waraana qaqeessi
Oromoo qaqatti nuu bulchi
Doloolloo yaasi
Yaa’aa gabbis
Jinfuu tuuli
Tuulaa diinaa diigi
Oromoo biifaa si godhi
Biiftuu ganamaa si godhi
Ejersa gaaraa si godhi
Korma nyaaraa si godhi
Bokkaa sii roobi
Bokkuu sii moosisi
Laftan ititi
Itittuu nu obaasi...like share godha comments godha

Jawar Abrahim...

Comments

Popular posts from this blog

#ODEEFFANNOO_GAARII Of baruu barbanaan dubbisii Hortee ummata Oromootii Hanga Adem Biyyeetti

WALALOO HIRIYAA GANTUU

Gareewwan jejechoota afaan oromo

EEBBA OROMO CIIDHA

Seer_luga afaan oromoo

EEBBA OROMO TUULAMAA

JECHAMOOTA JAALALAA

SEENAA HORTEE OROMO MAGAALAA FINFINNEE SEENAA HUNDEFFAMMA MAGAALAA FINFINNEE

Walaloo shaggooyyee