Posts

Showing posts from December 10, 2018

WALALOO SHAGGOOYYEE.."

"WALALOO SHAGGOOYYEE.." Adaree biyyoodhaa keessi laqaa-laqaa, Dhungoon dur jaalalaa tan ammaa maallaqaa, Shammadachaa ooltaa yoo qabaatte saaqa. Karaan duusee dabree shuunaa namaan dhaqaa, Lashaalashoo intalaa nuuraa sirraa baqaa, Dasii dubra oromoo ati anaaf haqaa. Boqolloon qaxarte shimbir qeensa kaayee, Shimbir qooli intalaa leeymaan rabbiin faayee, Burcuqqoo dhiqaadha sanduuqaan si kaayee. Karaan waleensuudha deemsi dhooqa dhooqaa, Callee calaleeyxuu bissii morma dooqaa, Qubbeen kee as laadhu lapheeniin if hooqaa. Abboon gaafa duulaa calanqo cal tayee, Yaa nuura samii dha siif garaan na nayee, Urgaa xiibaa sirraa funyoon koorra bayee. Barana siin fuudhaa yoo marroon na gayee. Saani burreen ciisee dahoo muka ceekaa, Daanyaan dubraa suma arkaattiin si beekaa, Liphii tee agarraan gammadeen sesseeqaa, Kan si kajeeluu mee jirmaaniin deedaqaa. Harraambeen sii bitaa fooxaa ammaa baatee, Kaleessuma joollee duruu dubra taatee, Mi'ooytu akka deeyma...

Walaloo shaggooyyee

"Walaloo Shaggooyyee" Raaree meetta bal'oo faradootu dheedaa, Shumbur shanyi intalaa yaa hunde bareeda, Si yaadatin bulee edaafi halgaddaa, Narraan hafin koottu an siifin araadaa.  ==***==***=== Birbirsa habuloo qilleensatu lulaa, Gad bahu si arkuuf ollaa keetin galaa, Jaalalti tun falaa eenyu na sigaala, Tan naf taate sumaa namu qaalaqaala. ===***===***=== Yaa bishaan fal'aana kan dambiyaa yaa'uu, Bissii too qacalee si dhabuun danda'uu, Sagalee tee malee gurri nan dhaga'uu, Jaalala tee duraa an akkam haa ta'uu.  ===***===***=== Eeguu keessan jiraa Boortedhattin deemaa, Hidhiin tee timiraa gororri kee deeyma, As godhu mee boontu wahiin sitti dhaama, Si maalee na haraam dhugaan sitti himaa. ===***===***=== Gabaa jechuun biyya ganda Usmaa'il Abdii, Siin jaaladhe jechuun anumarra gadii,  Dhugaan na jaalattu warra jalaa badii, Edanu naa koottu lubbun rabbii qabdii. ===***===***=== Lagni gabaa guddaa kurati dhaabataa, Qashti...