Posts

Showing posts from October 11, 2018

Seer_luga afaan oromoo

IBSA MAQAA/MAQIBSA/Adjective Afaan Oromoo keessatti ibsa maqaa jechuun,maqaa booda galuudhaan kan waa'ee maqichaa kallattii garaagaraan ibsu jechuudha.Jechi tokko maqibsa jedhamuudhaaf jechichi maqaa booda galuudhaan maqicha;halluun,bifaan,amalaan,bakkaan,sadar kaan,lakkoofsaan ,eenyummaadhaafi kan biroon ibsuu yoo danda'edha. Fakkeenyaaf: Galaasaan nama beekaa uummata biratti baay'ee jaallatamudha. Hima kana keessatti jechi "beekaa" jedhu,Galaasaan nama akkamii akka ta'e kan ibsudha. Oromiyaan badhaatuudha. Hima "Oromiyaan badhaatuudha" jedhu keessatti;jechi 'badhaatuudha' jedhu maalummaa oromiyaa kan ibsudha AKAAKUU IBSA MAQAA Maqibsaalee akaakuu garaagaraa Afaan Oromoo keessatti fayyadamna.Mee tokko tokkoon haa ilaallu. √ Maqibsa Amalaa Kunneen jechoota maqaatti aanuun dhufanii amala maqaa sanaa kan ibsanidha. Fknf:Tarreessaan gantuudha. Boonaan odeessaadha. Magarseen dubara callistuudha. kunneen hundi amala maqaalee dura is...