Gareewwan jejechoota afaan oromo

🌹#Gareewwan_Jechootaa🌹
Afaan Oromoo jechoota kumaata hedduun lakkaa'aman qaba. Kanaaf jechoota walfakkaataan gareedhaan qoqqooduun xiinxalluun ala hundasaa gargaratti xiinxalluun rakkisaadha.
Haaluma Kansan Jechoota Afaan Oromoo akkaataa galmaa fi unkaa( context and Form) irratti hundaa'uun gareewwan shanitti qoodamu.
1. Maqaa(noun)
2. Maqibsa(adjectives)
3. Xumuraaf(verb)
4. Xumibsa(adverb)
5. Durduubee(pre and post position) jedhamu.
🌹#Maqaa🌹
Maqaan itti waamama √namaa,
√Iddoo,
√meeshaa
√yaada waan tokkoo fi kkf bakka bu'uun kan ibsuudha.
Fkn:1 Caaltuun barattuudha.
Jechi 'Caaltuu' jedhu maqaa hima kanaa agarsiisa.
2. Birbirsi muka guddaadha.
Jechi 'Birbirsi' jedhu maqaadha.
🌹Gosoota Maqaa🌹
Maqaanis gosoota garagaraa qaba. Haaluma kanaan Maqaa iddoo shanitti addaan hirree ilaaluu dandeenya.
a) Maqaa dhuunfaa/matayyaa
b) Maqaa gamtaa
c) Maqaa dimshaashaa
d) Maqaa meeshaa
e) maqaa killiyyaa/icciitii jedhamuun qoqqoodamu.
👉Maqaa dhuunfaa
Kun maqaalee dhuunfaan namni, bakkee ykn wanti tokko dhuunfatti ykn matamatatti itti beekkamuudha.
Fkn: Caalaa
Abdiisaa
Ejersa
Finfinnee fikkf Maqaa dhuunfaati.
Hub: Maqaaleen dhuunfaa hedduumina agarsiisuuf dhamjecha -oota jedhu hin maxxanfatan.
Fkn: Caalaa Jenner Caalota hin jennu.
Kun Seerluga Afaan Oromooti.
Haata'uu malee dhamjecha -faa jedhu dabalachuun hedduumina agarsiisuu ni danda'a.
Fkn: Caalaa..Caalaafaa
Abdiisaa...Abdiisaafaa
👉Maqaalee Gamtaa
Maqaan kun Wantootni amala walfakkataa qaban iddoo hundatti ykn gamtaan kan ittiin beekkamaniidha.
Fkn: Saree biyya
Nama laga
Farda haadha
Fikkf maqaa gamtaa jedhamu.
Maqaaleen gamtaa baay'inna agarsiisuudhaaf dhamjechoota akka:
-oota, -ota, -lee, -waan, -olii, -been jedhaman dabalatu/fudhatu.
Fkn: Saree...Saroota
Nama....Namoota
Sa'a.....Saawwan fikkf
👉Maqaalee Dimshaashaa
Maqaaleen kunneen kan wantootni adda addaa bakka tokkotti ittiin waamamaniidha.
Fkn: Ummata
Bineensa
Walda
Horii
Koree fikkf maqaa dimshaashaati.
Maqaaleen kun yaada danoomaa of keessaa qabaatus yaada qeenxeen kan ibsamuudha.
Fkn: koreen hin hojjattu.
Ummanni maal jedha?
Himootni armaan olii yaada danoomaa qeenxessuudhaan ibsaa jiruudha.
👉Maqaalee Meeshaa
Kun Maqaalee meeshaaleen garagaraa ittiin moggaafamaniidha.
Fjn: Barcumaa
Minjaala
Qalama
Qubeessaa
Fikkf maqaa meeshaalee adda addaati.
👉Maqaalee killiyyaa/icciitii
Kun Maqaalee wantoota gocha, ta'umsa, yaadaa fi kkf irratti bu'uuramanii waamamaniidha.
Fkn: Gowwummaa
Hayyummaa
Abshaalummaa
Laafina
Dhukkuba fikkf maqaalee killiyaati.
HUB: maqaaleen killayaa kun danoommii hin fudhatan.
Akkasumas Maqaalee hundi iddoo lamatti qoodamuu danda'u...
Isaanis:
1. Maqaalee lakkaawaman(countable noun) fi
2. Maqaalee hin lakkaawamne( uncountable noun) jedhamuun hiramuu danda'u.
Maqaaleen lakkaawaman kan lakkoofsan murteessuu dandeenyuudha.
Fkn: tokko, lama, sadi fi kkf
Kan hin lakkawamne immoo kan lakkoofsaan hammasaa himuu hin dandeenyedha.
Fkn: Bishaan litirii shan jenna males Bishaan shan jechuu hin dandeenyu.
🌹#BAMAQAA(PRONOUN)🌹
Jechi Bamaqaa jedhu kun jecha lama irraa dhufe. Isaanis:
√bakka fi
√maqaa jechoota lamaan kana irraa dhufe.
Bamaqaa jechuun akkuma maqaan Isaa agarsiisutti jecha maqaa bakka bu'uu jechuudha.
Kanaafuu Bamaqaan jecha Maqaa bakka bu'uun tajaajiluudha.
Hub: Bamaqaan akka maqaa dhamjecha dabalachuun danoommii hin agarsiisu.
Bamaqaan maqaa qeenxee bakka bu'uufi maqaa danuu bakka bu'u gosa adda addaati.
Bamaqaan Afaan Oromoo keessatti beekkaman kanneen armaan gadiiti.
Isaanis:
ana(I)
si'i(You)
ishii/ishee/I see(she)
isa(he)
nu'i/nuyi/nuti(we)
isin(you)
isaan(they)
Kanneen jedhamaniidha.
🌹Ramaddi Bamaqaa🌹
Akka seerluga Afaan Oromootti ramaddiin Bamaqaa gosa saditu jira.
Isaanis:
A) Ramaddii tokkoffaa
B) Ramaddii lammaffaa
C) Ramaddii sadaffaa
Ramaddiin adeemsa dubbiin/haasaadhaan waliigaluu keessatti:
√Kan dubbatu/dubbatan
√kan dhageeffatu/dhageeffatan fi
√kan waa'een isaanii dubbatamuu kan mul'isuudha.
Ramaddiin Sadeen armaan olii kuneenis mataamatatti
√Qeenxee fi
√Danuu qabu.
Haaluma kana

Comments

Popular posts from this blog

#ODEEFFANNOO_GAARII Of baruu barbanaan dubbisii Hortee ummata Oromootii Hanga Adem Biyyeetti

WALALOO HIRIYAA GANTUU

EEBBA OROMO CIIDHA

Seer_luga afaan oromoo

EEBBA OROMO TUULAMAA

JECHAMOOTA JAALALAA

SEENAA HORTEE OROMO MAGAALAA FINFINNEE SEENAA HUNDEFFAMMA MAGAALAA FINFINNEE

EEBBA OROMOOTTAA GUJJII ,,MACCAA, KARRAYYUU,, ARSII,,,__//..

Walaloo shaggooyyee