Seer_luga afaan oromoo

IBSA MAQAA/MAQIBSA/Adjective
Afaan Oromoo keessatti ibsa maqaa jechuun,maqaa booda galuudhaan kan waa'ee maqichaa kallattii garaagaraan ibsu jechuudha.Jechi tokko maqibsa jedhamuudhaaf jechichi maqaa booda galuudhaan maqicha;halluun,bifaan,amalaan,bakkaan,sadar
kaan,lakkoofsaan ,eenyummaadhaafi kan biroon ibsuu yoo danda'edha.
Fakkeenyaaf: Galaasaan nama beekaa uummata biratti baay'ee jaallatamudha.
Hima kana keessatti jechi "beekaa" jedhu,Galaasaan nama akkamii akka ta'e kan ibsudha.
Oromiyaan badhaatuudha.
Hima "Oromiyaan badhaatuudha" jedhu keessatti;jechi 'badhaatuudha' jedhu maalummaa oromiyaa kan ibsudha
AKAAKUU IBSA MAQAA
Maqibsaalee akaakuu garaagaraa
Afaan Oromoo keessatti fayyadamna.Mee tokko tokkoon haa ilaallu.
√ Maqibsa Amalaa
Kunneen jechoota maqaatti aanuun dhufanii amala maqaa sanaa kan ibsanidha.
Fknf:Tarreessaan gantuudha.
Boonaan odeessaadha.
Magarseen dubara callistuudha.
kunneen hundi amala maqaalee dura isaanii kan ibsanidha.
√ Maqibsa Eenyummaa
Gosti maqibsaalee kanneenii eenyummaa maqaa waa tokkoo ykn namummaa waan sanaa kan ibsanidha.Eenyummaa maqaalee kanaas kan ibsamu gochaa isaa irraa ka'uudhaani.
Fknf:Oromoon gowwaa hinjaallatu.
Obbo Galataan Jaarsa biyyaati.
√ Maqibsaalee Bifaa
Maqibsaaleen kun bifa nama tokkoo yookiin waan tokkoo kan ibsanidha.
Fkn: - Namichi gurraachi kaleessa asiin darbe goota fakkaata.
- Mucayyoon diimtuun sun bifa malee amala hinqabdu.
√ Maqibsaalee Halluu
Jechoonni kunneen halluu waan tokkoo ijaan ilaaluun kan ibsinudha.
Jechoota kanneen akka: diimaa,gurraacha,ad­ii,dhiilgee,siddisa,magariisa,cuquliisa,keelloo......f
ayyadamuudhaan ibsina.
Fkn: Caaltuun bifa gurraacha nijaallatti.
Ameerikaan biyya warra adiiti jedhe Tiraamp.
√ Maqibsaalee Lakkoofsaa
Jechoonni kunneen waantoota safaraman yookiin lakkaa'aman baay'ina isaanii ibsuuf gargaaru.
Fkn: Gadaan Oromoo shanidha.
Abbaan Gadaa waggaa saddet keessatti bara aangoosaa xumura.
Torbeen tokko guyyaa toorba qaba.As keessatti jechoonni:shan,saddeet,toorba ....kunneen baay'ina waan sanaa ibsuuf kan dhufanidha.
√ Maqibsaalee Iyyaafannoo
Jechoonni kunneen waanta ifa hintaane yookaan hinbeekne tokko odeeffannoo argachuudhaaf kanneen gargaaranidha.Isaanis:maal,y
oom,maaliif,eessatti,eenyu,................
Fkn: Oromoon maal barbaada?
Jajjabeen eessa jira?
Qeerroon maaliif gaaffii gaafata?
maqibsaaleen kunneen odeeffannoo akka argannuuf kan ittiin iyyaafannudha.
Fakkeenyaaf hima Oromoon maal barbaada jedhuuf;dhugaa,misooma,nagaa,guddina bilisummaa ........jennee tarreessuu dandeenya.
√ Maqibsaalee Hedduminaa
Maqibsaaleen kunneen baay'ina maqichaa beekuuf osoo hin taane hamma yookaan sadarkaa waantichaa ittiin ibsuuf kan gargaaramnudha.
Jechoota kanneen akka: Hedduu,baay'ee,olaan­aa,gadi-aanaa,
Fkn: Gochaa minilik uummata oromoo irratti raawwate baay'ee cigaasisaadha.
Erga koomaandi poostiin dhufee yakki humnaan gudeeduu heddummataa dhufe.
√ Maqibsaalee Gochaa
Jechoonni kun gochoota ta'anii akka maqibsaatti galan qaama waanti tokko irratti raawwate gabbisuudhaaf kanneen galanidha.
Fkn: Mucaan kaleessa ajjeefame ilma oromoodha.
Caalaan mana namaa deemee waraaname.
Waan walii galuu dadhabneef garboomne jedhe Lamma Magarsaa....KD
Jechoonni Ajjeefame,waraaname,garboome jedhan kun gocha waansana irratti raawwate kan ibsanidha.
√ Ibsa maqaa abbummaa
Qabeenyummaa waan tokkoo kan eenyuu akka ta'e ibsuuf gargaara
Fkn: Seenaa keenya jallisan.
Hima kana keessatti "keenya" kan jedhu ijaarsaan maqdhaala ta'uyyu; tajaajilaan ibsa maqaa abbummaati.
√ Ibsa maqaa waloomii
Kana jechuun, ijaarsa himaa keessatti ibsoonni maqaa adda addaa duraa duuba isaanii eeganii yeroo argaman jechuudha.
Fkn:
Gurbaa magaala qallaa gabaabaa bareedaa sanan jaalladhe.
As keessatti "magaala qallaa gabaabaa bareedaa" kan jedhu ibsa maqaa waloomiiti jechuudha.
.
Ibsi maqaa yoomiyyu taanaan maqaa booda galuu hin danda'u akka seerluga Afaan Oromootti. Maqaa booda galuudhaan maqaa sana ibsa.
Fkn: Wallagga Lixaa deeman.
Hima kana keessatti, wallaggota keessaa isa kam deemuusaanii kan ibsu jecha "lixaa" jettudha. Kana deebifnee "Lixa Wallaggaa deeman" yoo jenne seera afaanichaatiin dhorkaadha akka taajila garee jechaa ibsa maqaatti.
∆ Maqaalee akka maqibsaaleetti gargaaran
Hima keessatti maqaaleen akka ibsa maqaatti kan gargaaran haala adda addaa, waan adda addaa ibsuun ta'a.
Fakkeenyaaf:
Buna Wallaggaa dhuge.
Ilma Oromoo jaallatti.
Albuuda Gujii saaman.
Bishaan Amboo dhuge.
Mana jireenyaa bitanne.
Yeroo tokko tokko gaaleefi ciroon akka ibsa maqaatti yommuu tajaajilan argina.
√ Gaalee akka ibsa maqaatti
Fkn: Tolasaan buna wallaggaa jaallata.
Hima kana keessatti gaaleen "buna wallaggaa" jedhu ibsa maqaadha.
Fakkeenya dabalataa:
Biyya Abbaa Gadaa deeman.
√ Ciroo akka ibsa maqaatti
Fkn:
Intalli 'ani jaalladhe sun' ni eerumte.
Hima kana keessatti ciroon "...ani jaalladhe sun..." jedhu akka ibsa maqaatti tajaajila.
(Mo'iiboon Baqqalaatiin)

Comments

Popular posts from this blog

#ODEEFFANNOO_GAARII Of baruu barbanaan dubbisii Hortee ummata Oromootii Hanga Adem Biyyeetti

WALALOO HIRIYAA GANTUU

Gareewwan jejechoota afaan oromo

EEBBA OROMO CIIDHA

EEBBA OROMO TUULAMAA

JECHAMOOTA JAALALAA

SEENAA HORTEE OROMO MAGAALAA FINFINNEE SEENAA HUNDEFFAMMA MAGAALAA FINFINNEE

EEBBA OROMOOTTAA GUJJII ,,MACCAA, KARRAYYUU,, ARSII,,,__//..

Walaloo shaggooyyee