Posts

Showing posts from August 14, 2018

TEESSUMA ODAA BULTTUM

. 3.2.1. Teessuma Odaa Bultum ;- Odaan Bultum Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum Magaalaa Gudditti Aanichaa Baddeessarraa kiloomeetrii 12 gara dhihaatti erga deeman booda Magaalaa xiqqoo Karraa Qurquraa jedhamtun gama kibbaa bahaatti koloomeetrii 4 fagaatee Araddaa qonnaan bulaa Goda horaa bakka dirree hora jedhamtutti argama. 3..2.2. Sirna Gadaa Odaa Bultum :- hundeeffamni sirna Gadaa odaa Bultum ilaachisee AKKA kitaaba barreessaa Ishatuu Irraanaa Dibaabaa seenaa oromoo durirraa hanga bara 1890tti mata duree jedhuun bara 2001 fuula 77-80 irratti akka ibsanitti hundeeffani sirna Gadaa Odaa Bultum jalqabni isaa jaarraa 12ffaa irraa jalqabee yemmuu tahu hanga dhuma jaarraa 19tti giddu gala siyaasaa , diinagidee fi hawwasummaa ummata oromoo tahee tajaajilaa akka ture ragaan kitaaba kanarraa arganne ni ibsa . yeroo kanarraa jalqabee hanga weerara sirni gita bittaa Minilik Oromiyaa Bahaa humnan hin qabatinitti sirni walharkaa fuudhiinsa baallii ba...