EEBBA OROMO BOORANAA

Eebba Booranaa

Ardaan nagaa……….........................................Nagee
Bobbaan nagaa....…….................................….Nagee
Barri nagaa………...............……......................Nagee
Waareen nagaa……….....................................Nagee
Waariin nagaa………...........…….....................Nagee
Reerii nagaa…………….......….....................…Nagee
Dheedi nagaa…………...........…......................Nagee
Yaa’iin nagaa……………...................…...........Nagee
Kuubiin nagaa……...........................................Nagee
Raabi nagaa…………………...........................Nagee
Kuusaa goseen nagaa…….....................…….Nagee
Ijoolleen Kuuchuu nagaa…..............................Nagee
Dirreen nagaa……………...................…...……Nagee
Dirree dirri Liiban nagaa…...............................Nagee
Liiban Golbaa Diidi nagaa…....................…….Nagee
Malbee Golboon nagaa.....…...................…….Nagee
Saakuu waasoon nagaa…...............………….Nagee
Tulaa sallan nagaa………...........
BARA HAARA 2010 tti:-
Ilma qilxuu ta'i dagagi Coqorsa ta'i lafa uwwisi Andoodee kormaa ta'i Bona gannaa lalisi Dubbi kee gamni hin qabin Sanyii kee lafti hin qabin Ibidda tulluurraa ta'i, duuba fulduratti ifi Allayyaan siree, bolli didibbee siif haa ta'u Lafti kee fixeensa hin dhabin Arfaasa facaasi birraa siif haa makaruu Kan irraan dhufe jalaan si haa baasu Kan jalaan dhufe irraan si haa baasu Duultu abbaa mirgaa ta'i Qottuu abbaa dilbii ta'i Daldaltuu buusi Barattuu milkaa'i Mortuu goomattuun si haa dadhabduu Bobba'i gali rafii dammaqi Kufani cabuu dubbatanii salphachuu si haa olchuu Dinni si haa sodaatu Biqila lja godhatu ta'i Namni si haa hawwatu, horii buli #Eebbi koo haphee ta'e sitti haa qabatu Lukni kee bakka milki haa ejjetu Lammiin si haa leellisuu Waaqni si haa eebbisuu Horaa bulaa Alaa mana Walii galaa Wal wajjiinin tola Waan beektaniifi dubbistan dhalootaaf haa dabarsinu Waliin baranne waliis haa barsiifnu! @ Barri 2010 kun Kan quufa Kan gabbina Kan gammachuu Kan badhadhina Sif haa ta'u!...E

Comments

Popular posts from this blog

#ODEEFFANNOO_GAARII Of baruu barbanaan dubbisii Hortee ummata Oromootii Hanga Adem Biyyeetti

WALALOO HIRIYAA GANTUU

Gareewwan jejechoota afaan oromo

EEBBA OROMO CIIDHA

Seer_luga afaan oromoo

EEBBA OROMO TUULAMAA

JECHAMOOTA JAALALAA

SEENAA HORTEE OROMO MAGAALAA FINFINNEE SEENAA HUNDEFFAMMA MAGAALAA FINFINNEE

EEBBA OROMOOTTAA GUJJII ,,MACCAA, KARRAYYUU,, ARSII,,,__//..

Walaloo shaggooyyee