EEBBA OROMO CIIDHA
Eebba Cidhaa Qabattanii aaga qabadhaa Rafaa abjuu qabaadhaa Adeemaa milkii qabaadhaa Miillaan lafa qabadhaa Harkaan Waaqa qabadhaa Coqorsa lo’aa ta’aa Gannaa fi Bona lalisaa Odaa dagaagaa ta’aa Gannaa fi Bona garbaabaa Aannanii fi garaa ta’aa Dhadhaa fi mataa ta’aa Akka biiftuu aanga’aa Akka qorsaa ifaa Cirracha Abbayyaa ta’aa Lakkaa’aan isin hin fixin Madda Walaabuu ta’aa Waraabaan isin hin fixin Jalduu Biikkoo ta’aa Qomaa fi dugdatti baadhaa Goomattuu fi tolfattuun isin hin danda’in Bona ongee baraaraamaa Ganna balaqqee ofkalaa Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu Kumaatama horaa Kan hortanii wajjin bulaa Walbira oolaa-bulaa Safuu waliif qabaadhaa Eebbi kun eebba gosaatii, Qabatee isin biraa hin hafin Na hoofkalchaa....,,"""__!!!!...A