Posts

Showing posts from September 3, 2018

SEENAA HORTEE OROMO MAGAALAA FINFINNEE SEENAA HUNDEFFAMMA MAGAALAA FINFINNEE

Seenaa Hortee Oromoo Magaalaa Finfinnee fi Seenaa Hundeeffama Magaalaa Finfinnee fi Posted by  Admin Teessoo Shaggar fi gosoota Oromoo Shaggar/Finfinnee keessa fi naannoo ishii Qubatan. Shaggar/Finfinneen gosa Oromoo keessa isa tokkoo kan ta’ee fi dame Booraanaa keessa Tuulama kan jedhamuun abbaa qabeenyaa taatee ture. Tuulama keessa gosti guddaa fi inni angafaa kan ta’e Galaan kan jedhamu. Qarqara kibba tulluu Cuqqaalaa irraa ka’ee Hawaas (Hawaash) cehuun hanga walakkaa Shaggar/Finfinneetti tamsa’ee jira. Gosti kun balbala baayyee of jalatti kan qabu yoo ta’u hanga Wallootti diriiree jira. Inni Lammaffaan Obo Tuulamaa immoo Galaan irraa gara kaabattii Caffee Doonsaa irraa kaasee hanga Qarree-Gowwaa jedhamuttii diriiree kan jiru yoo ta’u, naannoo Finfinnee/Shaggar kan qubatee, ilam angafaa Oboo kan ta’e gosa Gumbichuu yoo ta’u hanga kaabaa Finfinnee/Shaggar naannoo Caancotti jira. (Gosa gurguddaa 7 qaba) Ilmaan Oboo Finfinnee keessa warra jiran lamaan keessaa (Gullal...

Teeknooloojii

Image
Home Teeknooloojii Appilikeeshinii  Ilbiisa Farra Midhaanii Adda Baasu Kalaqame By  Dejene Lakew   On  Sep 3, 2018   0   30 Share Finfinnee, Hagayya 28,2010(FBC)- Qorattootni Chaaynaa appilikeeshinii bilbila ammayyaa ilbiisota farra midhaanii adda baasu hojjechuu isaanii beeksisaniiru. Appilikeeshiniin kun midhaan suura kaasun gosa ilbiisaa kana adda baasa. Appilikeeshinichi akkaadaamii saayinsii Chaaynaatti yaalii taasiseera. Haaluma kanaan ilbiisa farra Ruuzii 50 ta’u adda baasuu danda’uu mirkanaa’ee jira. Hirmaattootni qorannoo kanaa oomishtootni midhaan biyyattii teeknooloojii kana fayyadamuun gosa ilbiisa oomisha isaanii miidhuu danda’u adda baasun ittisuu danda’u jedhaniiru. Madda: Shinuwaa