Posts

Showing posts from October 22, 2018

WALALOO HIRIYAA GANTUU

HIRIYAA GANTUU Jaala jiruu Koo Kan guyyaa rakkoo ballinaa Kan Abdii walii boonnu Walgodhannee gaachena Saniitu nagane na laate diinaa Mee akamiin garaan Koo Kanbir na Amana,         Nama kooti ja'ee        Ani yeroo hedduu        Ofirra caalchisee        Kanin isaaf yaadu        If booda deebi'uu        Shira kanatti yaadu        Garaa nama deeyyiisse         Way anii ha baadu, Sobduu ilkaan adiii Hamaa afaan dammaa Wajjiin turan malee Hin beekan ilma namaa Sadoof qananii Osoon baasuu dhimma Halayyaa naf qote tun Ajaa'ibuma. Gocha suukaneessaa Abudoo dhabummaa Narratti raawwatus An hintaane humaa Silaa akka namaatiin Tiyya dhabamaa Galata rabbii Jiruu moonaa Jiruu moonaa Jiruu moonaa --- Mahammad Rashiid