Waalaloo jaalalaa
WALALOO JAALALA (1Phex4:8) (Madda: Walaloo afooraa kutaa 29ffaa) • Jaalalli hin hinaafu obsaaf danda’aadha • Namas hin lafafu furtuu waan hundaadha • Amantii qabaachuu jaalalaan ibsama • Ulaagaan namummaas isaan madaalama • Waan hundumaa darbuuf obsa barbaachisa • Jaalallis furtuudha cubbuu namaa dhoksa • Amantiin hundeedha qabaachuudhaaf obsa • Seeras raawwachuudha jaalalli sirriinsaa • Bantuun mana waaqaa jaalala ta’uusaa • Nu duraa dhokatee maaliif nu rakkisaa? • Furtuun waan hundaadhaa jaalalaa hubadhaa • Hojii kam keessaattuu dursa isaaf laadha? o Maalummaa jaalalaa beeknee adda baafannee o Wal-haa jaallannu kaa hundinuu hoo’isnee o Dhugaan wal-jaallanna onnee irraa kaafnee o Boqonnaa maaf dhabnaa jibba boraafannee. • Bakka kamitti iyyuu jaalalli utubaadha • Jaalalli dhibamnaan jireenyi gubiidha • Burqituunsaa gognaan onnee keenya keessaa • Tajaajilli keenyas maal waa’ee nuuf baasaa? o Har’a mucaan namaa jibba gudunfatee o Jaalala waaqa isaa raawwatee dagatee o Daandii gubbaa gore...