Walaloo shaggooyyee

"Walaloo Shaggooyyee"

Raaree meetta bal'oo faradootu dheedaa,
Shumbur shanyi intalaa yaa hunde bareeda,
Si yaadatin bulee edaafi halgaddaa,
Narraan hafin koottu an siifin araadaa.
 ==***==***===
Birbirsa habuloo qilleensatu lulaa,
Gad bahu si arkuuf ollaa keetin galaa,
Jaalalti tun falaa eenyu na sigaala,
Tan naf taate sumaa namu qaalaqaala.
===***===***===
Yaa bishaan fal'aana kan dambiyaa yaa'uu,
Bissii too qacalee si dhabuun
danda'uu,
Sagalee tee malee gurri nan dhaga'uu,
Jaalala tee duraa an akkam haa ta'uu.
 ===***===***===
Eeguu keessan jiraa Boortedhattin deemaa,
Hidhiin tee timiraa gororri kee deeyma,
As godhu mee boontu wahiin sitti dhaama,
Si maalee na haraam dhugaan sitti himaa.
===***===***===
Gabaa jechuun biyya ganda Usmaa'il Abdii,
Siin jaaladhe jechuun anumarra gadii,
 Dhugaan na jaalattu warra jalaa badii,
Edanu naa koottu lubbun rabbii qabdii.
===***===***===
Lagni gabaa guddaa kurati dhaabataa,
Qashti dubra qaalluu ililli jannataa,
Dargaggeessi gandaa dhibba si maraataa,
Ana malee tokko eenyu si arkata.
===***===***===
Aala shankoor Raamis diimaa birki birkii,
Baredduu Oborraa atin qabdu fakkii,
 Hangaan si jaaladhu atu laali arkii,
An si maleen qabuu dhiisi shakki shakki.
===***===***===
===***===***===

Comments

Popular posts from this blog

#ODEEFFANNOO_GAARII Of baruu barbanaan dubbisii Hortee ummata Oromootii Hanga Adem Biyyeetti

WALALOO HIRIYAA GANTUU

Gareewwan jejechoota afaan oromo

EEBBA OROMO CIIDHA

Seer_luga afaan oromoo

EEBBA OROMO TUULAMAA

JECHAMOOTA JAALALAA

SEENAA HORTEE OROMO MAGAALAA FINFINNEE SEENAA HUNDEFFAMMA MAGAALAA FINFINNEE

EEBBA OROMOOTTAA GUJJII ,,MACCAA, KARRAYYUU,, ARSII,,,__//..