WALALOO SHAGGOOYYEE.."
"WALALOO SHAGGOOYYEE.."
Adaree biyyoodhaa keessi laqaa-laqaa,
Dhungoon dur jaalalaa tan ammaa maallaqaa,
Shammadachaa ooltaa yoo qabaatte saaqa.
Karaan duusee dabree shuunaa namaan dhaqaa,
Lashaalashoo intalaa nuuraa sirraa baqaa,
Dasii dubra oromoo ati anaaf haqaa.
Boqolloon qaxarte shimbir qeensa kaayee,
Shimbir qooli intalaa leeymaan rabbiin faayee,
Burcuqqoo dhiqaadha sanduuqaan si kaayee.
Karaan waleensuudha deemsi dhooqa dhooqaa,
Callee calaleeyxuu bissii morma dooqaa,
Qubbeen kee as laadhu lapheeniin if hooqaa.
Abboon gaafa duulaa calanqo cal tayee,
Yaa nuura samii dha siif garaan na nayee,
Urgaa xiibaa sirraa funyoon koorra bayee.
Barana siin fuudhaa yoo marroon na gayee.
Saani burreen ciisee dahoo muka ceekaa,
Daanyaan dubraa suma arkaattiin si beekaa,
Liphii tee agarraan gammadeen sesseeqaa,
Kan si kajeeluu mee jirmaaniin deedaqaa.
Harraambeen sii bitaa fooxaa ammaa baatee,
Kaleessuma joollee duruu dubra taatee,
Mi'ooytu akka deeymaa yaa shukkar nabaatee.
Qoreetiin quunqumee daafkaa muka qottoo,
Saakayyoo qacalee yaa tan morma shittoo,
Natti as siqii mee yaa qaamaa qalbii too.
Dabbaal gubbaa bahii gad laali baddannoo,
Shashaqadhuu koottu yaa shaqaxii fannoo,
Saseen si xuuxxadhaa naaf uwwisi naannoo,
Nyaadheen beela baha mal'aan teetuu furnoo.
Abboon sangaa bitee daammii gaafa baajii,
Shaggooyyeen jaalaatuu abbee tahe haajii,
Suuta badii koottu yeroo fixxe hojii,
Jaboon babattisaa too baranaa moojii.
Baranaan gad suuqee habaqaala jimaadhaa,
Ijaan sirra qaarsaan tee tun hanjaamadhaa,
Lameen wal jaalatu wal malee jaamaadhaa.
Imaaltuudhaan deemaa adeeraa koo wajjii,
Nyaarri kee goobanaa agartuun tee urjii,
Qaxxaamurii koottu ollaa goda wanjii,
Qalbiin haa buxaaltuu yoo si gartu ijji.
========Itti Fufa========
#Saphaloo_Kadiir'iin.

Comments
Post a Comment