Jechoota gagaarri fi Walaloo

Jechoota gagaarri fi Walaloo
================↓
Namni kaayyoo guddaa- maraataa fakkaata.
Yeroo karaa deemus- kophaa dudubbata.
Ilkaan isaatiin seeqee- sammuun dhukkubsata.
Garaan isa ciinca'ee- madaa kulkulfata.
~~~~
Miilli isa sorooroo- keessa isatuu okkola.
Qaamaan as ta'ee- yaadaan gaara oola.
Addunyaa naanna'ee- hundumaa xiinxala.
Abjuudhaan herreegee- bu'aasaa ilaala.
~~~
Gaddaan facaasee- gammachuun hammachuu.
Har'a sakaalamee- boru tarkaanfachuu.
Kaayyootu na godhe- akka ani daangaa hin tarre.
Har'a qofaaf nyaachuu- garaankoo hin barre.
~~~~
Qorri diilallaa'ees- qaama koo na hubu.
Ciniinnadheen obsa- abidda na gubu.
Rakkadheera jedhee- harka koo hin laadhu.
Natii tole jedhees- kaayyoo koo hin dagadhuu.
~~~~
Abjuu guyyaa keessaa
Mul'ata isa boruu
Abdii hin kutatiin!!
Ormi haa ololuu!!!
Jabadhu qeerransoo
Kan waaq jedhe hin ooluu!!!!!

Comments

Popular posts from this blog

#ODEEFFANNOO_GAARII Of baruu barbanaan dubbisii Hortee ummata Oromootii Hanga Adem Biyyeetti

WALALOO HIRIYAA GANTUU

Gareewwan jejechoota afaan oromo

EEBBA OROMO CIIDHA

Seer_luga afaan oromoo

EEBBA OROMO TUULAMAA

JECHAMOOTA JAALALAA

SEENAA HORTEE OROMO MAGAALAA FINFINNEE SEENAA HUNDEFFAMMA MAGAALAA FINFINNEE

EEBBA OROMOOTTAA GUJJII ,,MACCAA, KARRAYYUU,, ARSII,,,__//..

Walaloo shaggooyyee