FIINFINNEE KUTA 1FFAA

Finfinnee
 (Kutaa 1ffaa)
 ===
 Finfinneen dachee Oromooti. Handhuura Oromiyaa fi giddu galeessa Oromoo Maccaa fi Tuulamaati. Qe’ee Tufaa Munaa, Qajeelaa Dooyyoo, Abeebee Tufaa, Guddataa Araddoo, Jamoo Dabalee, Soraa Lomee, Galatee Asheetee, Axaalee Jaatanii fi Shubbuu Ejersaafaati.
 -
 Finfiinneen yeroo teessoo Mootii Minilik taatee tajaajiluu eegalte irraa kaasee hanga har’aattii qonnaan bultoota Oromoo nyaachaa, buqqisaa, aadaa, duudhaa fi eenyuummaa Oromummaa dhabamsiisaa sadarkaa amma irra jirtu irra akka geesse beekamaadha. Kuufaatii Dargii boodas chaartarii yeroo cehumsaa bara 1983-1987 (ALI) tumameen magaalaan Finfinnee akka naannoo of dandeesse tokkootti ክል 14 jedhamtee akka of bulchitu labsamee ture. Waggoota afuriif magaalaan Finfinnee naannoo taatee bulaa turte. Finfinneen yeroo akka naannoo of dandeesseetti bulaa turte labsii daangaa jettee bara 1986 seera baafatte. Labsii baafatte kanaanis daangaan ishee hanga Magaalota Buraayyuu, Laga Xaafoo Laga Daadhii, Sabbataa, Galaan fi kkf walakkaa isaaniitti akka bal’atu ummata Oromoo fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin osoo hinmariyatin seera baafatte.
 -
 Bara 1987 heerri mootummaa FDRI tumame. Heerri mootummaa biyya keenyaa kun waa’ee magaalaa Finfinne dhimmootni gurguddoo sadii akka jijjiiraman ifatti tume. Inni tokkoffaan Finfinneen mirga naannoo ta’uu dhabdee sadarkaa bulchiinsa magaalaatti akka ijaaramtu tume. Dhimmi lammaffaan Walitti dhufeenyi Oromoo fi Finfinnee jaarraa tokkoo oliif addaan cite ture deebisee walitti hidhe. Yeroo cehumsaa Oromiyaa fi Finfinneen akka naannoo fi naannootti walitti dhufeenya qabaachaa turani. Heerri mootummaa kun tumamuu booda Finfinneen akka qaama Oromiyaa taatee fi Oromiyaanis mirga addaa Finefinneerra akka qabdu ifatti kaa’e. Dhimmi sadaffaan Finfinneen teessoo mootummaa federaalaa waan taatteef akkasumas mirga ofiin of bulchuu sabaa fi sablammoota magaalatti keessa jiraatan eeguuf jecha akka naannoolee mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu osoo hintaane mirga ofiin of bulchuu qofa akka qabaattu ifatti tume. Heerri Mootummaa FDRI walitti dhufeenya Oromoo fi Finfinnee gidduutti yeroo dheeraadhaaf addaan cite ture jijjiire. Finfinneen erga uuumatee kaaftee kan Oromoo waliin addan cittee turte akka qaama Oromoo taatu murteesse. Finfinneen kan Oromoo ta’uu mirkaneesse!
 -
 Heerri Mootummaa FDRI bara 1987 bahe Finfinneen Mirga ofiin of bulchuu malee mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu akka hinqabne, Dhimmi bulchiinsa magaalaa Finfinnee labsiidhaan akka bahu ibsuudhaan seerota duraan turan (labsii daangaa magaalattiin bara1986 baafatte dabalatee) diigee jira. Kanaafuu dhimmi daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa gidduu jiru kan murtaa’u fedhii ummata Oromoo daangaarra jiraatuu, fedhii Mootuumaa Naannoo Oromiyaa fi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin qofa akka ta’e ifatti beekamuu qaba. Kanaafuu, labsiin daangaa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannoo FInfinnee kan bara 1986 bahe ummata Oromoo fi MNO kan hin hirmaachisne waan ta’eef safartuu kamiiniyyuu fudhatama hin qabu.
 -
 Dhimmi daangaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee dhimma daangaa bulchiinsaa naannoo tokko keessatti geggeeffamu akka ta’es ifatti beekamuu qaba.Dhimmi daangaa Finfinnee heera mootummaa biyya keenyaa bara 1987 bahe bu'uura godhachuudhaan ummata fedhii fi faayidaa ummata oromoo karaa mirkaneessu qofaan hojiitti hiikamuu qaba. Dhimma daangaa Finfinnee karaa waaraatiin furuuf koreen nama 10 of keessaa qabu ijaarame qorannoo kan dhiheesse yoo ta'u MN Oromiyaa bu’aa qorannoo kanaa guutummaatti fudhatee akka hojiitti hiikamuuf socho’aa jira.
 (Itti fufa)

Comments

Popular posts from this blog

#ODEEFFANNOO_GAARII Of baruu barbanaan dubbisii Hortee ummata Oromootii Hanga Adem Biyyeetti

WALALOO HIRIYAA GANTUU

Gareewwan jejechoota afaan oromo

EEBBA OROMO CIIDHA

Seer_luga afaan oromoo

EEBBA OROMO TUULAMAA

JECHAMOOTA JAALALAA

SEENAA HORTEE OROMO MAGAALAA FINFINNEE SEENAA HUNDEFFAMMA MAGAALAA FINFINNEE

EEBBA OROMOOTTAA GUJJII ,,MACCAA, KARRAYYUU,, ARSII,,,__//..

Walaloo shaggooyyee