Waalaloo jaalalaa
WALALOO JAALALA (1Phex4:8) (Madda: Walaloo afooraa kutaa 29ffaa)
• Jaalalli hin hinaafu obsaaf danda’aadha
• Namas hin lafafu furtuu waan hundaadha
• Amantii qabaachuu jaalalaan ibsama
• Ulaagaan namummaas isaan madaalama
• Waan hundumaa darbuuf obsa barbaachisa
• Jaalallis furtuudha cubbuu namaa dhoksa
• Amantiin hundeedha qabaachuudhaaf obsa
• Seeras raawwachuudha jaalalli sirriinsaa
• Bantuun mana waaqaa jaalala ta’uusaa
• Nu duraa dhokatee maaliif nu rakkisaa?
• Furtuun waan hundaadhaa jaalalaa hubadhaa
• Hojii kam keessaattuu dursa isaaf laadha?
o Maalummaa jaalalaa beeknee adda baafannee
o Wal-haa jaallannu kaa hundinuu hoo’isnee
o Dhugaan wal-jaallanna onnee irraa kaafnee
o Boqonnaa maaf dhabnaa jibba boraafannee.
• Bakka kamitti iyyuu jaalalli utubaadha
• Jaalalli dhibamnaan jireenyi gubiidha
• Burqituunsaa gognaan onnee keenya keessaa
• Tajaajilli keenyas maal waa’ee nuuf baasaa?
o Har’a mucaan namaa jibba gudunfatee
o Jaalala waaqa isaa raawwatee dagatee
o Daandii gubbaa goree kiyyoo waliif mara
o Farda amminaa koree wal-miidhuuf jarjara
• Onneen mucaa namaa hinaaffaan guutamee
• Hinaaffaan baay’annaan jaalallis dhabameee
• Jireenyis ulfaatee hundumtuu rakkanne
• Nu milladhu Gooftaa nu fala isaa dhabnee
o Jaalalli maseennaan jibbi lakkuu dhale
o Obbolaan walii isaa ajjeesuu eegale
o Intallis haadha ishee reebuuf itti gamti
o Kun hunduu kan ta’eef jaalalli gu’eeti
• Maatiin mana tokkoo argituu wal-jibbee
• Ilmis abbaa ajjeesuuf maggalee itti sirbe
• Garaan gargar ba’ee hunduu faffaca’e
• Jaalalli waan dhibeef nageenyi manca’e
o Yaada abbaaf haadhaatu garaagara cabe
o Hunduu walii isaatti boqochuu dadhabe
o Qabeenya kuusanii daa’imas horanii
o Jiraachuu dadhaban jaalala dhabanii
• Mana seeraa dhaquun nu hiikaa jidhanii
• Fuula abbaa murtii wal-dhaabachiisanii
• Qabeenyaa isaanii garaagar qooddatu
• Daa’imman isaaniis iyyummaatti laatu.
o Jaalalli waan gogeef burqaan jibbaa yaa’e
o Kanaaf maatii nagaan addaan bittinnaa’e
o Jaalala isa dhugaa kottaa wal-jaallannaa
o Maaf addaan facaanee taana irbaata diinaa
• Korojoo isaanii jibbaan guuttatanii
• Yeroo itti tufani hunduu tuffatanii
• Isaan hin beekanii yaa abbaa waan godhani
• Yaa abbaa kana dhiisiif itti hin lakkaa’inii
• Jechuun nu simateem waaqni nu jaallatee
• Jaalalaan nu waamee jireenyaaf nu laate
o Yeroo isaan reeban lafarra harkisanii
o Fannotti olbaasani Gooftaa fannisani
o Fuula Heroodoosiif Philaaxoos dhaabatee
o Jibbaan yoo himatan jaalalaan simatee
o Jibba bara dheeraa gidduu isaanii ture
o Gidduudhaa balleessee jaalalaan ijaare.
• Egaa maaf dagannaa jaalala waaqayyoo
• Jaalala isa dhugaa dirree qaraaniyyoo
• Kan diina qaanessee itti huwwise leeyyoo
• Ilmaan namaa hundaaf kan ta’e hidhannoo.
o Maaf hin dhagaa’amuu inni nu keessatti
o Jaalaluma keenyaaf ol-ba’eem fannootti
o Leenginoosiin illee namticha isa jaamaa
o Waraannaan fayyiseem itti hin yaanne hama.
• Jibba jaalalaani akkanaan deebisu
• Waan gaarii godhanii nama gaabbisiisu
• Utuu akkas goonee jaalalli wal-hora
• Dogoggora isaa irraa hundi baree gara.
o Akkamiin jiraadhu barri natti ulfaate
o Hin jedhin namana ofii of-dagattee
o Of-gaafadhu malee maal irraa akka kufte
o Jaalala waaqa kee eessatti akka gate
• Addunyaa haaraani nuuf jedhee hin uumamne
• Biiftuun dabalamee Addeessi hin dhabamne
• Halkan jijjiiramee guyyaan lama hin taane
• Waanti haaraan ta’ee mee maaltu jiramee.
o Barri barumaadhaam lakkoobsa dabale
o Hojii keenyaaf jedhee nutti ulfaate malee
o Qomaaf sanyiidhaani namni waan wal-qoodeef
o Jireenyis ulfaateem jaalalli waan badeef.
• Mee of haa gaafannu rakkoof hanqina isaa
• Kan sichiif haa yaannuu waanta darbe dhiisaa
• Kottaa onnee keenya jaalalaan tarsaafnaa
• Burqituu jaalalaas dhugnee dheebuu baanaa
o Furmaata isaa beekuuf kottaa kaa wal-geenyaa
o Tokkummaan duuchinaa burqituu ammeenyaa
o Yoos nuuf qajeelaatii haalli jiruu keenyaa
o Ofumaa hin komannuu teenyee bara keenya
• Egaa obbolaa ko hunduu wal-jaalladhaa
• Amanamummaadhaan wal-wajjin jiraadhaa
• Baras mo’aa bulaa baraaf hin bulinaa
• Gochaa karaa dalgaaf bakka hin kennina.
o Waaqa abboota koof galanni haa ta’u
o Jaalalli inni dhugaan nu keessaa haa yaa’u
o Hojii nuti goonus waaqatti haa tolu
o Waaqnis nu haa godhu saba walii galu.
Yoo itti walii galttan "SHARE" gochuun hiriyyoota keessaniin akka geessan jaalala gooftaan isin gaafana. Yaada qabddanis barreessuu hin dagatina.
Comments
Post a Comment