"Walaloo Shaggooyyee" Raaree meetta bal'oo faradootu dheedaa, Shumbur shanyi intalaa yaa hunde bareeda, Si yaadatin bulee edaafi halgaddaa, Narraan hafin koottu an siifin araadaa. ==***==***=== Birbirsa habuloo qilleensatu lulaa, Gad bahu si arkuuf ollaa keetin galaa, Jaalalti tun falaa eenyu na sigaala, Tan naf taate sumaa namu qaalaqaala. ===***===***=== Yaa bishaan fal'aana kan dambiyaa yaa'uu, Bissii too qacalee si dhabuun danda'uu, Sagalee tee malee gurri nan dhaga'uu, Jaalala tee duraa an akkam haa ta'uu. ===***===***=== Eeguu keessan jiraa Boortedhattin deemaa, Hidhiin tee timiraa gororri kee deeyma, As godhu mee boontu wahiin sitti dhaama, Si maalee na haraam dhugaan sitti himaa. ===***===***=== Gabaa jechuun biyya ganda Usmaa'il Abdii, Siin jaaladhe jechuun anumarra gadii, Dhugaan na jaalattu warra jalaa badii, Edanu naa koottu lubbun rabbii qabdii. ===***===***=== Lagni gabaa guddaa kurati dhaabataa, Qashti...
Comments
Post a Comment