Gareewwan jejechoota afaan oromo
🌹#Gareewwan_Jechootaa🌹 Afaan Oromoo jechoota kumaata hedduun lakkaa'aman qaba. Kanaaf jechoota walfakkaataan gareedhaan qoqqooduun xiinxalluun ala hundasaa gargaratti xiinxalluun rakkisaadha. Haaluma Kansan Jechoota Afaan Oromoo akkaataa galmaa fi unkaa( context and Form) irratti hundaa'uun gareewwan shanitti qoodamu. 1. Maqaa(noun) 2. Maqibsa(adjectives) 3. Xumuraaf(verb) 4. Xumibsa(adverb) 5. Durduubee(pre and post position) jedhamu. 🌹#Maqaa🌹 Maqaan itti waamama √namaa, √Iddoo, √meeshaa √yaada waan tokkoo fi kkf bakka bu'uun kan ibsuudha. Fkn:1 Caaltuun barattuudha. Jechi 'Caaltuu' jedhu maqaa hima kanaa agarsiisa. 2. Birbirsi muka guddaadha. Jechi 'Birbirsi' jedhu maqaadha. 🌹Gosoota Maqaa🌹 Maqaanis gosoota garagaraa qaba. Haaluma kanaan Maqaa iddoo shanitti addaan hirree ilaaluu dandeenya. a) Maqaa dhuunfaa/matayyaa b) Maqaa gamtaa c) Maqaa dimshaashaa d) Maqaa meeshaa e) maqaa killiyyaa/icciitii jedhamuun qoqqoodamu. 👉Maqaa...