Posts

WALALOO HIRIYAA GANTUU

HIRIYAA GANTUU Jaala jiruu Koo Kan guyyaa rakkoo ballinaa Kan Abdii walii boonnu Walgodhannee gaachena Saniitu nagane na laate diinaa Mee akamiin garaan Koo Kanbir na Amana,         Nama kooti ja'ee        Ani yeroo hedduu        Ofirra caalchisee        Kanin isaaf yaadu        If booda deebi'uu        Shira kanatti yaadu        Garaa nama deeyyiisse         Way anii ha baadu, Sobduu ilkaan adiii Hamaa afaan dammaa Wajjiin turan malee Hin beekan ilma namaa Sadoof qananii Osoon baasuu dhimma Halayyaa naf qote tun Ajaa'ibuma. Gocha suukaneessaa Abudoo dhabummaa Narratti raawwatus An hintaane humaa Silaa akka namaatiin Tiyya dhabamaa Galata rabbii Jiruu moonaa Jiruu moonaa Jiruu moonaa --- Mahammad Rashiid

Jechoota gagaarri fi Walaloo

Jechoota gagaarri fi Walaloo ================↓ Namni kaayyoo guddaa- maraataa fakkaata. Yeroo karaa deemus- kophaa dudubbata. Ilkaan isaatiin seeqee- sammuun dhukkubsata. Garaan isa ciinca'ee- madaa kulkulfata. ~~~~ Miilli isa sorooroo- keessa isatuu okkola. Qaamaan as ta'ee- yaadaan gaara oola. Addunyaa naanna'ee- hundumaa xiinxala. Abjuudhaan herreegee- bu'aasaa ilaala. ~~~ Gaddaan facaasee- gammachuun hammachuu. Har'a sakaalamee- boru tarkaanfachuu. Kaayyootu na godhe- akka ani daangaa hin tarre. Har'a qofaaf nyaachuu- garaankoo hin barre. ~~~~ Qorri diilallaa'ees- qaama koo na hubu. Ciniinnadheen obsa- abidda na gubu. Rakkadheera jedhee- harka koo hin laadhu. Natii tole jedhees- kaayyoo koo hin dagadhuu. ~~~~ Abjuu guyyaa keessaa Mul'ata isa boruu Abdii hin kutatiin!! Ormi haa ololuu!!! Jabadhu qeerransoo Kan waaq jedhe hin ooluu!!!!!

Seer_luga afaan oromoo

IBSA MAQAA/MAQIBSA/Adjective Afaan Oromoo keessatti ibsa maqaa jechuun,maqaa booda galuudhaan kan waa'ee maqichaa kallattii garaagaraan ibsu jechuudha.Jechi tokko maqibsa jedhamuudhaaf jechichi maqaa booda galuudhaan maqicha;halluun,bifaan,amalaan,bakkaan,sadar kaan,lakkoofsaan ,eenyummaadhaafi kan biroon ibsuu yoo danda'edha. Fakkeenyaaf: Galaasaan nama beekaa uummata biratti baay'ee jaallatamudha. Hima kana keessatti jechi "beekaa" jedhu,Galaasaan nama akkamii akka ta'e kan ibsudha. Oromiyaan badhaatuudha. Hima "Oromiyaan badhaatuudha" jedhu keessatti;jechi 'badhaatuudha' jedhu maalummaa oromiyaa kan ibsudha AKAAKUU IBSA MAQAA Maqibsaalee akaakuu garaagaraa Afaan Oromoo keessatti fayyadamna.Mee tokko tokkoon haa ilaallu. √ Maqibsa Amalaa Kunneen jechoota maqaatti aanuun dhufanii amala maqaa sanaa kan ibsanidha. Fknf:Tarreessaan gantuudha. Boonaan odeessaadha. Magarseen dubara callistuudha. kunneen hundi amala maqaalee dura is...

Oromoota Beekkamoo

Oromoota Beekkamoo!! Dr Gammachuu Magarsaa-ayyuu seena Afiriikaa Bahaa kan galmee dinqisiisoo addunyarratti galmaa'ee jiru. Amaan Hedatoo - political activist and new singer Dr.sheikh Mohammedrashad Abdulle Abbaa qubee afaan oromoo Sheikh Bakri Sapaloobarreessaa fi hayyuu oromoo Abbabaa Abbishuu - sabboonaa Oromoo fi weellisaa beekkamaa Abbaas Hajii Ganamoo - Pirofeesara Yuunivarsiitii Toroontoo, Barreessaa seenaa waa'ee ummata Arsii barreesse Mootii Abbaa Jifaar II - Jimmaa fi naannoo ( gibee shanan ) bulchaa ture. mootii kumsaa morodaa,bulchaa leeqaa naqamtee ture, Abdiisaa Aagaa - loltuu Xaaliyaaniin lolaa turee fi yeroo Waraana Addunyaa II hoogganaa loltoota paartisaanii Jaarraa Abbaa Gadaa - Hundeessitooota ABO keessaa isa tokko kan ta'ee fi hoogganaa dhaaba 'Adda Oromiyaa Dimokiraasoftuu' Abbaa Magarsaa Badhaasaa Abune Petros gaggeessaa phaaphaasii (bishop) mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa fi goota bara Xaaliyaanii Dr. Alii Birraa weel...

FIINFINNEE KUTA 1FFAA

Finfinnee  (Kutaa 1ffaa)  ===  Finfinneen dachee Oromooti. Handhuura Oromiyaa fi giddu galeessa Oromoo Maccaa fi Tuulamaati. Qe’ee Tufaa Munaa, Qajeelaa Dooyyoo, Abeebee Tufaa, Guddataa Araddoo, Jamoo Dabalee, Soraa Lomee, Galatee Asheetee, Axaalee Jaatanii fi Shubbuu Ejersaafaati.  -  Finfiinneen yeroo teessoo Mootii Minilik taatee tajaajiluu eegalte irraa kaasee hanga har’aattii qonnaan bultoota Oromoo nyaachaa, buqqisaa, aadaa, duudhaa fi eenyuummaa Oromummaa dhabamsiisaa sadarkaa amma irra jirtu irra akka geesse beekamaadha. Kuufaatii Dargii boodas chaartarii yeroo cehumsaa bara 1983-1987 (ALI) tumameen magaalaan Finfinnee akka naannoo of dandeesse tokkootti ክል 14 jedhamtee akka of bulchitu labsamee ture. Waggoota afuriif magaalaan Finfinnee naannoo taatee bulaa turte. Finfinneen yeroo akka naannoo of dandeesseetti bulaa turte labsii daangaa jettee bara 1986 seera baafatte. Labsii baafatte kanaanis daangaan ishee hanga Magaalota Buraayyuu, Laga Xaafoo L...

Qophii dambalii jaalalaa

Image