Posts

Showing posts from December, 2018

Seenaa barreefama afaan oromootiifi shoora dr. Sheek mahammad rashaad

    Seenaa barreefama afaan oromootiifi shoora dr. Sheek mahammad rashaad By Yinebeb Nigatu - April 7, 2014 (Dr. Abdulsemed Mohammed) Afaan meeshaa walqunnamtiiti; mallattoo eenymmaatiisi. Akeeka barruu tanaatiif meeshaa walqnnamtii tahuu isaa haafuulleeyfannu. Meeshaa walqunnamtii hoggaa jennu moggaalee lama walitti fida; akka riqichaati isaan tajaajila jechuudha. Kanas bifa lamaan jechuunis: dubbiifi katabbiidhaan tajaajiluu dandaya. Dubbiin sagalee ykn qooqa qofaan  gargaaramanii walitti dubbatanii ykn haasawanii hariiroo walhubantiidhaan xumuramtu qabaachuudha. Haaluma kanaan qubee walitti diranii waan katabbii jennuuniin  wal qunnamtii akkasii qabaachuun hindandayama. Afaan kamuu karaalee lameen himaman  kanaan  hawaasa isaa akka tajaajilu shakkiin hinjirtu. Garuu, ar’allee afaannan baay’eetu sadarkaa dubbii qofatti hornagamee hafee jira. Kanneen gara katabbiititti dhawaataan tarkaanfachaa jiranis muraasaa miti. Afaannan sadarkaa afaan dubbii qo...

Oduu gammachiisa

ODUU GAMMACHIISAA.. Miseensootaa fi hordoftoota fuula Qoraasuma Jaalalaa, haaloota tokko tokoon yeroo dheeraaf gargar citee kan ture tajaajilli fuula keenyaa yeroo gabaabaa booda bifa addaatiin sagantaa isaa fooyyeessee barruu madditti dabalataan tajaajila viidiyoo fi sagaleeniis isiniif dhiheessuuf qophaa'aa jira. Haala gaariin isinilleen akka nu eeggattan jechaa yaada keessanillee akka nuuf qooddan kabajaan isin gaafanna. Fedhii qabaattan taanaan 'Share, like, comment' godhuun fedhii keessan nuuf ibsaa. Galatoomaa! #Qoraasuma_Jaalalaa.

JECHAMOOTA JAALALAA

JECHAMOOTA JAALALAA. ∆ Addunyaa kana irratti kan dhalanneef jaalachuufi, ykn jaalalaan jiraachuufi. Jaalalti bu'ura jalqaba lubbuu teenyaati.  Jaalalti goolabbii jireenya keenyaatiis." Benjaamin Desraa'el. ∆ "Nama jaalannu irraa iddoo itti boqonnu gaafa argannu, namoonni nu jaalatan ammoo onnee keenya keessa akka qubatan hayyamnaaf." Seenti Barnaardi ∆ "Ogummaa fi mala jaalalaa beekanii jaalachuu wanti gahaa hin jiru. Waan tokko jaalachuu dhabuu irra garuu osoo hin beeknees tahu jaalachuutu filatama" Wiiliyaam Eelviis Maddi: Fuula Hayyoota Jaalalaa irraa

WALALOO SHAGGOOYYEE.."

"WALALOO SHAGGOOYYEE.." Adaree biyyoodhaa keessi laqaa-laqaa, Dhungoon dur jaalalaa tan ammaa maallaqaa, Shammadachaa ooltaa yoo qabaatte saaqa. Karaan duusee dabree shuunaa namaan dhaqaa, Lashaalashoo intalaa nuuraa sirraa baqaa, Dasii dubra oromoo ati anaaf haqaa. Boqolloon qaxarte shimbir qeensa kaayee, Shimbir qooli intalaa leeymaan rabbiin faayee, Burcuqqoo dhiqaadha sanduuqaan si kaayee. Karaan waleensuudha deemsi dhooqa dhooqaa, Callee calaleeyxuu bissii morma dooqaa, Qubbeen kee as laadhu lapheeniin if hooqaa. Abboon gaafa duulaa calanqo cal tayee, Yaa nuura samii dha siif garaan na nayee, Urgaa xiibaa sirraa funyoon koorra bayee. Barana siin fuudhaa yoo marroon na gayee. Saani burreen ciisee dahoo muka ceekaa, Daanyaan dubraa suma arkaattiin si beekaa, Liphii tee agarraan gammadeen sesseeqaa, Kan si kajeeluu mee jirmaaniin deedaqaa. Harraambeen sii bitaa fooxaa ammaa baatee, Kaleessuma joollee duruu dubra taatee, Mi'ooytu akka deeyma...

Walaloo shaggooyyee

"Walaloo Shaggooyyee" Raaree meetta bal'oo faradootu dheedaa, Shumbur shanyi intalaa yaa hunde bareeda, Si yaadatin bulee edaafi halgaddaa, Narraan hafin koottu an siifin araadaa.  ==***==***=== Birbirsa habuloo qilleensatu lulaa, Gad bahu si arkuuf ollaa keetin galaa, Jaalalti tun falaa eenyu na sigaala, Tan naf taate sumaa namu qaalaqaala. ===***===***=== Yaa bishaan fal'aana kan dambiyaa yaa'uu, Bissii too qacalee si dhabuun danda'uu, Sagalee tee malee gurri nan dhaga'uu, Jaalala tee duraa an akkam haa ta'uu.  ===***===***=== Eeguu keessan jiraa Boortedhattin deemaa, Hidhiin tee timiraa gororri kee deeyma, As godhu mee boontu wahiin sitti dhaama, Si maalee na haraam dhugaan sitti himaa. ===***===***=== Gabaa jechuun biyya ganda Usmaa'il Abdii, Siin jaaladhe jechuun anumarra gadii,  Dhugaan na jaalattu warra jalaa badii, Edanu naa koottu lubbun rabbii qabdii. ===***===***=== Lagni gabaa guddaa kurati dhaabataa, Qashti...