Posts

SEENAA HORTEE OROMO MAGAALAA FINFINNEE SEENAA HUNDEFFAMMA MAGAALAA FINFINNEE

Seenaa Hortee Oromoo Magaalaa Finfinnee fi Seenaa Hundeeffama Magaalaa Finfinnee fi Posted by  Admin Teessoo Shaggar fi gosoota Oromoo Shaggar/Finfinnee keessa fi naannoo ishii Qubatan. Shaggar/Finfinneen gosa Oromoo keessa isa tokkoo kan ta’ee fi dame Booraanaa keessa Tuulama kan jedhamuun abbaa qabeenyaa taatee ture. Tuulama keessa gosti guddaa fi inni angafaa kan ta’e Galaan kan jedhamu. Qarqara kibba tulluu Cuqqaalaa irraa ka’ee Hawaas (Hawaash) cehuun hanga walakkaa Shaggar/Finfinneetti tamsa’ee jira. Gosti kun balbala baayyee of jalatti kan qabu yoo ta’u hanga Wallootti diriiree jira. Inni Lammaffaan Obo Tuulamaa immoo Galaan irraa gara kaabattii Caffee Doonsaa irraa kaasee hanga Qarree-Gowwaa jedhamuttii diriiree kan jiru yoo ta’u, naannoo Finfinnee/Shaggar kan qubatee, ilam angafaa Oboo kan ta’e gosa Gumbichuu yoo ta’u hanga kaabaa Finfinnee/Shaggar naannoo Caancotti jira. (Gosa gurguddaa 7 qaba) Ilmaan Oboo Finfinnee keessa warra jiran lamaan keessaa (Gullal...

Teeknooloojii

Image
Home Teeknooloojii Appilikeeshinii  Ilbiisa Farra Midhaanii Adda Baasu Kalaqame By  Dejene Lakew   On  Sep 3, 2018   0   30 Share Finfinnee, Hagayya 28,2010(FBC)- Qorattootni Chaaynaa appilikeeshinii bilbila ammayyaa ilbiisota farra midhaanii adda baasu hojjechuu isaanii beeksisaniiru. Appilikeeshiniin kun midhaan suura kaasun gosa ilbiisaa kana adda baasa. Appilikeeshinichi akkaadaamii saayinsii Chaaynaatti yaalii taasiseera. Haaluma kanaan ilbiisa farra Ruuzii 50 ta’u adda baasuu danda’uu mirkanaa’ee jira. Hirmaattootni qorannoo kanaa oomishtootni midhaan biyyattii teeknooloojii kana fayyadamuun gosa ilbiisa oomisha isaanii miidhuu danda’u adda baasun ittisuu danda’u jedhaniiru. Madda: Shinuwaa

MAMMAKSA OROMO

Rirmaan haguugameyyuu Ejersi seenaa hin cabu, Gamaa ceesisan malee OROMOOn Harree hin qabu!

TEESSUMA ODAA BULTTUM

. 3.2.1. Teessuma Odaa Bultum ;- Odaan Bultum Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum Magaalaa Gudditti Aanichaa Baddeessarraa kiloomeetrii 12 gara dhihaatti erga deeman booda Magaalaa xiqqoo Karraa Qurquraa jedhamtun gama kibbaa bahaatti koloomeetrii 4 fagaatee Araddaa qonnaan bulaa Goda horaa bakka dirree hora jedhamtutti argama. 3..2.2. Sirna Gadaa Odaa Bultum :- hundeeffamni sirna Gadaa odaa Bultum ilaachisee AKKA kitaaba barreessaa Ishatuu Irraanaa Dibaabaa seenaa oromoo durirraa hanga bara 1890tti mata duree jedhuun bara 2001 fuula 77-80 irratti akka ibsanitti hundeeffani sirna Gadaa Odaa Bultum jalqabni isaa jaarraa 12ffaa irraa jalqabee yemmuu tahu hanga dhuma jaarraa 19tti giddu gala siyaasaa , diinagidee fi hawwasummaa ummata oromoo tahee tajaajilaa akka ture ragaan kitaaba kanarraa arganne ni ibsa . yeroo kanarraa jalqabee hanga weerara sirni gita bittaa Minilik Oromiyaa Bahaa humnan hin qabatinitti sirni walharkaa fuudhiinsa baallii ba...

Waalaloo jaalalaa

WALALOO JAALALA (1Phex4:8) (Madda: Walaloo afooraa kutaa 29ffaa) • Jaalalli hin hinaafu obsaaf danda’aadha • Namas hin lafafu furtuu waan hundaadha • Amantii qabaachuu jaalalaan ibsama • Ulaagaan namummaas isaan madaalama • Waan hundumaa darbuuf obsa barbaachisa • Jaalallis furtuudha cubbuu namaa dhoksa • Amantiin hundeedha qabaachuudhaaf obsa • Seeras raawwachuudha jaalalli sirriinsaa • Bantuun mana waaqaa jaalala ta’uusaa • Nu duraa dhokatee maaliif nu rakkisaa? • Furtuun waan hundaadhaa jaalalaa hubadhaa • Hojii kam keessaattuu dursa isaaf laadha? o Maalummaa jaalalaa beeknee adda baafannee o Wal-haa jaallannu kaa hundinuu hoo’isnee o Dhugaan wal-jaallanna onnee irraa kaafnee o Boqonnaa maaf dhabnaa jibba boraafannee. • Bakka kamitti iyyuu jaalalli utubaadha • Jaalalli dhibamnaan jireenyi gubiidha • Burqituunsaa gognaan onnee keenya keessaa • Tajaajilli keenyas maal waa’ee nuuf baasaa? o Har’a mucaan namaa jibba gudunfatee o Jaalala waaqa isaa raawwatee dagatee o Daandii gubbaa gore...
Image
Xurree ittiin seenan Gara gabaasaatti darbi Gara fuula ijootti deebi'i Gara barbaadduutti cehi ODUU Gadaan ta hormaataa fi bultumaa! jenne.Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo ya baallii fuudhe Bitootessa 04, 2017 Soraa Halakee Kuraa Jaarsoo,abbaan Gadaa Booranaa 71essoo Qoodi WASHINGTON,DC —  Abbaan Gadaa Booranaa 71essoo ya baallii fuudhe by  VOA The code has been copied to your clipboard.   The URL has been copied to your clipboard       No media source currently available 0:00 0:12:46 0:00   Xurree marsariitii   Kuraa Jaarsoo,abbaa Gadaa Booranaa 71essoo. Bitootessa 2,2017 godina Booranaa aanaa Areeroo ardaa Badhaasaatti abbaa gadaa Booranaa Guyyoo Gobbaa irraa baallii fuudhe. Booranii ka jaarraa 14essoo duraa addoo hin itti hin darin bara 1,456 jalqabee akkanum...