Posts
EEBBA OROMO CIIDHA
- Get link
- X
- Other Apps
Eebba Cidhaa Qabattanii aaga qabadhaa Rafaa abjuu qabaadhaa Adeemaa milkii qabaadhaa Miillaan lafa qabadhaa Harkaan Waaqa qabadhaa Coqorsa lo’aa ta’aa Gannaa fi Bona lalisaa Odaa dagaagaa ta’aa Gannaa fi Bona garbaabaa Aannanii fi garaa ta’aa Dhadhaa fi mataa ta’aa Akka biiftuu aanga’aa Akka qorsaa ifaa Cirracha Abbayyaa ta’aa Lakkaa’aan isin hin fixin Madda Walaabuu ta’aa Waraabaan isin hin fixin Jalduu Biikkoo ta’aa Qomaa fi dugdatti baadhaa Goomattuu fi tolfattuun isin hin danda’in Bona ongee baraaraamaa Ganna balaqqee ofkalaa Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu Kumaatama horaa Kan hortanii wajjin bulaa Walbira oolaa-bulaa Safuu waliif qabaadhaa Eebbi kun eebba gosaatii, Qabatee isin biraa hin hafin Na hoofkalchaa....,,"""__!!!!...A
EEBBA OROMOOTTAA GUJJII ,,MACCAA, KARRAYYUU,, ARSII,,,__//..
- Get link
- X
- Other Apps
Eebba Gujii Ee…… Ati Waaqi Ardaa Waaqi Abbaa Ka Me’ee Bokkoo Ka Dibbee Dhugoo Ka Garba Aannoo Waaqi Gujii Gurraachaa ati nuu dhageyi Dhageettu nuu Owwaadhu Ta olii oliitti nu hanqisi Ta gadii gaditti nu hanqisi Ta dallaa lamaanii achumatti nu hanqisi Barri nageya Bariin nageya Jaarsi nageya Jaartiin negeya Ilmi nageya Intalti nageya Ka fuudhu nageya Ta heerumtu nageyaa Uchumti nageya Bobbaan nageya Tissaa uleen nageyaa Elemaa gaadin nageya Ardaan yaa’aa nageya Me’een Bokkoo nageya Duddaa daawwaan nageya Sabbaa Oddoon nageya Gooroon Doolaa nageya Gooroon Oromoo teennaa martinuu nageya Handhurri Oromiyaa Finfinneen nageya. Eebba Maccaa Na oofkalchaa…………………..............................oofkalaa Na oofkalchaa…………...……..........................….oofkalaa Na oofkalchaa………...………...........................…oofkalaa Waaq nagaan bullee nagaan nu oolchi ...............nu oolchi Hamaan gargar nu oolchi ....................................nu oolchi Irraa go...
EEBBA OROMO BOORANAA
- Get link
- X
- Other Apps
Eebba Booranaa Ardaan nagaa……….........................................Nagee Bobbaan nagaa....…….................................….Nagee Barri nagaa………...............……......................Nagee Waareen nagaa……….....................................Nagee Waariin nagaa………...........…….....................Nagee Reerii nagaa…………….......….....................…Nagee Dheedi nagaa…………...........…......................Nagee Yaa’iin nagaa……………...................…...........Nagee Kuubiin nagaa……...........................................Nagee Raabi nagaa…………………...........................Nagee Kuusaa goseen nagaa…….....................…….Nagee Ijoolleen Kuuchuu nagaa…..............................Nagee Dirreen nagaa……………...................…...……Nagee Dirree dirri Liiban nagaa…...............................Nagee Liiban Golbaa Diidi nagaa…....................…….Nagee Malbee Golboon nagaa.....…...................…….Nagee Saakuu waasoon nagaa…...............………….Nagee Tulaa salla...
EEBBA OROMO TUULAMAA
- Get link
- X
- Other Apps
Eebba Tuulamaa Hayyee,Hayyee! Hayyee, Hayyee! Waaqa uumaa Waaqa uumamaa Waaqa Burqaa Haroo Walaabuu Waaqa sagaltama garbaa Waaqa salgan Booranaa Waaqa torban Baarentummaa Waaqa Bokkuu Gurraachaa Waaqa Ciicoo Gurraattii Waaqa Caffee Tumaa Waaqa shanan Gadaa Oromoo Nagayaan nu olchitee nagayaan nu bulchi Nagayaan nu bulchitee nagayaan nu olchii Kan faantii lafaan lolte kan sammuun Waqaan lolte nurraa qabi Irraa-gora nu oolchi Dogoggora nu oolchi, Hamaa nurraa qabi Tolaa nutti qabi, Xiqqaa nuu guddisi Guddaa nu muldhisii/bulchi Waan qabnuun nu bulchi Rooba nagayaa roobi Baraa nagayaan nu basii Gadaan roobaa nagayaa Barri quufaa gabbina